Seenaa Gabaabaa Weellisaa Jireenyaa Ayyaanaa

Seenaa Gabaabaa Weellisaa Jireenyaa Ayyaanaa Abbaasaa Obbo Ayyaanaa Garbaa Barbariifi Haadha isaa Aadde Jaliilee Calqaaba irraa Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa Ganda Gabaa Jimaataatti dhalatee guddate. Abbaan isaa latiinsa hortee macca kan ta’e ilmaa Jawwii isaa 7ffaa ilmaa Eebantu isaa quxisuu kan ta’e balbala Jomottoo keessaa kan argamedha.
Harmeen isaa Udoo warra Calliyaa irraa dhalatte. Jireenyaan maatiisaaf ilma angafaa yoo ta’u obboleessa dhiiraa tokko Magarsaa kan jedhamuufi obboloota dubaraa sadii (Ayyaantuu, Xurunee fi Hinkooshee ) Ayyaanaa
kan jedhaman qaba. Ijoollummaa irraa kaasee jireenyaan nama eenyummaasaa iaallatuufii Oromummaasaan boonu ture.Dubbii dabaaf tole kan hin jenne goota ija ibiddaati. Waa’een eenyummaa kan isa quuquu jalqabe gaafa abbaansaa barnoota akka baratuuf gara Qeesii ykn Luba tokkootti isa erguun akka baratu yaalu jalqabe.Akkuma deemeen Jireenyaan Qeesii (barsiisaa) kana waliin walii galuu dadhabe. Kunis lubichi waan Afaan Oromootiin hin barsiifneef maaliif Afaan ani beekuun na hin barsiiftu? Yaada jedhuun Qeesii waliin wal dhabuu jalqabe. Barsiisaan kunis akkamitti gurbaan hammana geessu kun dubbii akkasii nagaafatti jedhee yeroo hunda Jireenyaa reebuufi jecha hamileesaa tuquun arrabsuu eegale.Jireenyaanis arrabsoo fi reebicha kana obsee barachuu hin dandeenye. Guyyaa tokko barsiisaan kun akkuma amalasaa Jireenyaa ifatee dareedhaa baasuuf yommuu yaalu, Jireenyaa aariidhaan dhagaa lafaa fuudhee mataa barsiisaa sanaa lamatti baasee arrabsamaa barachuurra barnoota dhiisee gale. Jireenyaan jaalala abbaasaa dhandhamatee utuu hin quufiin abbaansaa tasaa dhukkubsatee ijoollummaatti irraa duunaan Jireenyaan itti gaafatamummaa maatii abbasaa fudhachuun obbolaan guddisuutti ka’e. Hojii garaagaraa hojjechuun haadhasaa gargaaruu itti fufe. Barnoota galee takka dhiisaa takka itti deebi’aa hanga kutaa kudhaniitti baratee xumure. Jireenyaan aadaafi seenaa Oromoo baruufis fedhii guddaa qaba. Kanaaf oolmaansaa jaarsoliifi maanguddoota waliin ture.

Seenaa Jireenyaa Ayyaanaa Jalaala fi kabaaja ani Nama kanaaf qabu adda waan ta’eef yeroo adda adda Artistoota Oromoo biyya ambaa jiraan irrati ragaan argaadhen wa’ee Jireenya Ayyaanaa waan tokko lama barressa barruu kanaaf dabaluun barbaada guyyaa tokko wellisaa Daagim Mokonnin Finfinnee itti argee turti daqiiqa muraasa waliin gonee san kessaa itti waa’ee Jireenyaa Ayyaanaa nama akkami akka ta’e har’aa beeku badhuus garuu qaama waldaa Maccaa fi Tuulamaa kan ta’e Baandii Gadaa jedhamu kessaa namoota akka Zarihuun Wadaajoo, Ebbisaa Addunyaa, Geetuu Lammii, Zeenuu Mohammad, Umar Sueeman , Yooseef Gammachuu, Abaabaa Abbishuu, Tottoobaa Taddasaa, Aadam Haruun, Abdii Qophee, Rayyaa, Abbaa Maccaa, Shaabee Sheekoo, Shoolee Tafarii, Jawwee Booraa, Birratuu Lammaa, Mulgeetaa Garramuu, Ilfineesh Qannoo, Muktaar Usmaan, Daawwite Mokonnin, Alii Shaboo, Adinaan Mohammaad, Addisuu Furggasaa, Halloo Dawwee, Usmaayyoo Musaa, Haayiluu kitaaba, Biqilaa Guyyootaa, Hirphaa Ganfurree, akkasumaas addaati yeroo adda addaa sirbaa waliin sirbu irrati kan waliin beekamaan immoo wellistoota jaallatamoo fi Kabajamoo kan taani Gooti barroodee lagaan jedhani kan wal jala qabuun sirbaan, sirba cidhaa fi wallee Waaraqsaa kan waliin itti beekam har’aa lammaan isaani waliin kaaseti baasuun Ummata isaan gumaachani garuu karaa naannawaas ta’e karaa cinaa gala (directly or indirectly) kan sabaaf lubbu kennaan har’a garuu lubbuu dhaan hawwaasa isaani waliin jiraachuu baatanillee, seenaan isaan yaadatu garuu ammaa hojjetaan kan dagatamaan kan raasaasa dinaan Nyaatamte Wallistuu Zeenuu Mokonnin(Mezuulee) bakki dhaloota ishee Jireenya waliin bakka tokko kan ta’e seenaa dubee ishee yeroo biraa barreessu kan dandeenyu. Sirboota ishe kessaa muraasa akka armaan gadii dha.
Sirboota ishee aadaa cidhaa biraati kan wallee qabsoo akka armaan gadiiti namooti yeroo Maccaa fi Tuulamani sagantaa isa geggeeffatu i gudda waliin qabna jedhuu. Sagalee barreeduu sanaan akkas jetti

Gooti baroode lagaan ×2
Badaa Finfinnee galuuf gooti Oromoo
Xonboora baate kunoo ol arreedaa
Qabsoon gooticha daagagee————–

Sirba bira

WBO raasaa dagalaa
qolaate bahuufii
ABOn garaa kessaa qalatee bahuuf..
WBO raasaa dagalaa
Ergaa fuuti hin olee
WBO raasaa dagalaa
Durbaa qarree wayyaa
WBO raasaa dagalaa
Ergaa duuti hin oolee
WBO raasaa dagalaa
Iddoo dhiiraa wayyaa……….

Jettu sagalee kiilolee fi na dhaggeffadhu na dhaggeffadhu jettu sanaan waliin akka wallisaa turaan dubaatamaa dhumaa irraa isheenis carran ishee rasaasaa ta’e akka duute ragaan namoota iraa ani argaa dhe ni ibsa. Akkasuma barreessitu Hangaafa, Wallistuu fi Qabsootu kan taate Wallistuu Maaramee Harqaa kaasaa, barreessitu kitaaba “Gundoo Booree.” Kitaaba ishee barreesitee ummata isheen dheebu karaa barreeffama qabuu akkasuumas xiqiin gadoo akka bahuun danda’amuu kan yaadaan yelaalatu, yelaalaan qofa yoom dhiste waa’ee billisumma akkeeka kan Geraaratu sodaa roroof jechaa of dubaa naan deebi’a kan hin yaadne turte. Isheenis akkumaa Zeenuu Mokonoon (Meezulee) sana sirboota aadaa cidhaa sirbaa turtee akkasuumas wallee qabsoo jajjaabessaa hedduu sirbaa kan turtee.

Sirboota ishee kessaa
Alaabaan wabii Oromoo
Janoo kulaa diidimaa
Siin bilbile siin Umee
Eenyu lubbuu si dhabaa
Qernsoota kaleessa darbatu nuuf dabarse
Kayyoon sani yoon caabse
Lafeen isaani na quuquu Awwaala
Isaani caabsee……..

Sirba bira

Ya Bishooftuu horaa irreecha
Finfinnee eenyuti gad- dhisa
……

Maqaa kaasettii ishee dagaadheen jira garuu kaaseti akka qabduuf yeroo ijoolumaa koos dhageefaadhan guddaa dhe. Akkasumaas Zeenuu waliin kaasetiiti wallee cidhaa aadaa waliin qabu. Yeroo sana manni Maaramee kun naannoo Dooqaa Booraa turee mucaa tokko akka qabdu dhagaheen jira, garuu mala godha dinnii keenya mana hidhaa Gidduu galessa qorannaa Yakka Feederaalaa (Maa’ikelaawwii), Aleem baqaanyi, fi kkf kessaati daraara guddan irra gahee isheenis mana ishee galte jiraachu hin dandeenye dhukkuba cimaan booda lubbuun ishee akka darbe dubbatu carraan warraa wal jallataan kan du’aa taate kan Jireenya garuu hiiboo bara saba keenya fi maatii artistoota taate jirti.

Jireenyaa Ayyaanaas sagalee kiilolee uumaan kenneefitti fayyadamuun sirboota aadaa
ijoollummaarraa kaasee sirbuu eegale. Du’a abbaasaa booda jireenyaan hiriyyoot abbaasaa waliin maabara abbaasaa dhugaa hiriyoota abbaasaarraa aadaafi seenaa hedduu barate. Yommuu namoonni nyaatanii dhuganii maabara kanarratti geeraran, Jireenyaan akkuma warra gurguddaa dabareesaa eeggatee geeraruun abbaafi lammiisaa faarfatee namoota garaa raasaa ture. Booda sababa cunqursaa mootummaa Dargiitiin
jireenyi ulfaataa dhufnaan Jireenyaan qe’ee warrasaa dhiisee hojiif gara Gimbiitti sokke.Haa ta’u malee haalli achiis isaa mijachuu dinnaan Finfinnee ijoollee Wasiillan isaa bira deemee hojii daldalaa hojjechuu jalqabe. Kufaatii mootummaa Dargii booda Jireenyaan gara qabsoo bilisummaatti makamee gara bakka dhalootasaatti deebi’ee hojii uummata dadammaksuu itti fufe. Haa ta’u malee kufaatii mootummaa ce’umsaa
booda rakkoo uumameen humna Wayyaanee basaastota bobbaasuun isa ajjeesuuf yaallaan ammas gara Finfinneetti deebi’ee hojii aartii itti fufuun sirboota aadaa, seenaa,qabsoo, gootummaafi sirboota cidhaa Albeema lama hojjechuun gurra uummataan ga’ee jaalala guddaa horateera. Yeroo Finfinnee turetti Jireenyaan Diraamaa “Dukkanaan Duuba” jedhamu kan Dhaabaa Wayyeessaan barreeffame irratti hirmaachuun ciminasaa mulliseera.

Sirboota isa kessaa kan aadaa inni ittiin beekamu
sirbaa ayyaana Masqalaatti Iyooshee daraaree-Iyooshee…. Daraaree.. Iyooshee daraaree… Iyooshee…. Daraaree..
Iyooshee daraaree… Iyooshee…. Daraaree..
Damaara gubnee …….Iyooshee

Emoo ya gurraaleewo daangashee kan jedhamu sirbaa aadaa kan ummataa ta’uus Abaaba Abbashuu dura kan sirbe jireenyaa ta’u dubbatama garuu har’aa namni baay’ee itti sirba jiru fi garaa fuula duraas kan sirbaamu.

Sirbaa isa kessaa

Ya waaqa Oromoota
Nuuf haaraamtaa laataa?
Darbaa maali dhaaqaxee?
Sa’ati waati hoongisee?
Soreeti soora Gadaa
Darbaa maali dhaaqaxee?
Iyyeesi kee raata’ee
. ……………………

Fardaa Oromoo kan jedhamu,
Chechee ya Fardaa
Fardaa Oromoo durii
Kan Goobanaa Diiri
Obciin dakkuu hin didnee
Waqaara dhoksaanii
Du’aa Goota Oromoo garaan aaruu hin dhifne
Bekkaani dhoksaani
Che! … chee ya Fardaa…….
Karaa Baleen bu’ee Roobaan dinaa Sardaa
Abba Fardaa balee………….

Sirba biraa
Aleele barri keenya adaaraa gari keenya.
Cooraa bobeesitii barri keenya
Silumaa barrii keenya.
Jirti yaartuun nama silumaa barri keenya……

Gumaa maaltu baasaa
Gumaa maaltu baasee abbee dhiiraa baasaa
Goota abbooti keenya lagaarati ajjeessee gumaa maaltu baasaa—- dhiira baasaa abbee……
Jireenyaa Ayyaanaa wallisaa qofaa osoo hin tanee xaabiyoo, Qabsaawaa akkasumaa Qabsaawaaf ergaama Dhabaa ganamaa kan ta’e ABOs fudhaate koornyaa dhihaa kessaa adda hojjetaa turee namooti itti dhihoo ragaa bahuu. Jireenyaan ani jireenya dhunfaa jiraadha jedhe osoo jiraachu barbaada yeroo adda addaa qaama mootummaa biyyaa bulchurraa waamichi taasifaama akka turees ragaa bahuu Artistooti itti dhinyaa qabaan.
Gama qabsoo bilisummaatiinis akkuma armaan oliiti Jireenyaan hojii gudda hojjeteera. Sirbootasaatiin hacuuccaa sabasaarra jiru ifatti waan mormeef xiyyeeffannoo humna tikaa keessa galuun bitootessa bara 1995 magaalaa Finfinneeti humna tikaa mootummaa Wayyaaneetiin Nama Tamasgeen Adaaba jedhamu waliin ukkaamfamee achi buuteen isaa dhabame.Erga gaafa sanaatii du’eef jiraan isaa utuu hin beekamiin waggaan meeqa darbeera.

Iyooshee daraaree… Iyooshee…. Daraaree..

Published by Lammii Gammachuu

Carraaqqii dhiistee carraa komattaa?

Join the Conversation

2 Comments

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started